Sofumer Media

Finfinnee, Onkolooleessa 13/2025 Sofumar Media :- Israa’eloota Hamaasiin butamanii turan keessa kanneen lubbuun jiran deebifaman jedhame.


Humni ittisaa Israa’el ibsa kenneen lammiiwwan biyyatti loltoota Hamaasiin gaafa onkolooleessa 7 bara 2023 butamani turan keessa kanneen lubbuun jiran hundi nagaan deebifamu ifoomseera.


Bifuma wal fakkaatun lammiiwwan Filisxeem kanneen yeroo lola Gaaza humnoota ittisaa Israa’eliin butamanii turan nagaan West Baank gahaanii jiraachun isaanii ibsameera.


Humni ittisa Israa’el booji’amtoota biyya isaanii kanneen gadhiifaman yeroo duraatiif ummatatti agarsiiseera.


Gama biraan baha jiddu galeessatti imalee kan jiru pirezidantiin US Doonaald Tiraamp haasaa paarlamaa Israa’eliif taasisaniin seena baha jiddu galaa keessatti kun barii ′seena qabeessa′ jedhaniiru.


Tiraamp haasaa paarlamaaf taasisaa ture keessatti ‘Israa’elii fi naannichaaf barri kun bara warqiidha’ jechun ibseera.


MM Israa’el Beeniyaamiin Neetanyaahuun ammoo gama isaatiin haasaa paarlamaa isaatiif taasisen ‘wajjiin taanee nageenya mirkaneessuu dandeenye jirra’ jedhaniiru.


Muummichi Israa’el haasaa taasisaa turan ittuma fufun guyyaa kun “seenaa keessatti ni galmaaha” akkasumas Pdt.Tiraamp illee “seenaa saba keenyaa fi addunyaa keessatti ni galmaaha” jechuun dubbataniiru.


Lolli Gazaa Waraana addunyaa tokkoffaafi lammaaffa booda wal waraansa cimaa addunyaan jaarra dijitaalaa keessatti taasifame yemmuu tahu, lolli kun wal waraansa lubbuu lammiiwwan nagaa kuma hedduu galaafateefi gaaga’ama ol aanaa dhaqqabsiise.


Pdt. Ameerikaa Doonaald Tiraamp dabalatee hoggantoonni biyyoota addunyaa baayyeen kora nagaa Gaazaarratti argamuuf gara Ijipti, Shaarm el-Sheekitti imalaa taasisaa jiru.


Sofumar Media 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *